Hpelsocio Podcast-logo

Hpelsocio Podcast

0 Favorites

Kuunii sagalee abbaa alangaa godina jimmaa kan tora interneetii irrattii tamsaafamuudhaa. Tamsaasa fm WAAGJ kallaattidhaan hordoofuuf linkii www.mhaagj.org jedhuu fayyadamuu ykn Google jalattii Jimmaa Attorney FM jechuun search goochun Sagalee Abbaa Alangaa Godina Jimmaa kenya dhageffachuun baasii tokkoo malee boohartidhan bekkumsa seeraa kessan gabbifachuu dandeessuu. ይህ የጅማ ዞን አቃቤ ህግ ፅህፈት ቤት የFM ድምፅ ነው። ስርጭታችንን ለማዳመጥ የፅፈት ቤቱን ኦፊሴላዊ ድህረገፅ www.mhaagj.org በመጠቀም አልያም በጎግል Jimmaa Attorney Fm ብለው በመፈለግ ያገኙናል። ስርጭታችንን በማድመጦ እየተዝናኑ የህግ አውቀቶትን ያዳብራሉ። Jimma Attorney FM is a podcasting service.

Location:

United States

Description:

Kuunii sagalee abbaa alangaa godina jimmaa kan tora interneetii irrattii tamsaafamuudhaa. Tamsaasa fm WAAGJ kallaattidhaan hordoofuuf linkii www.mhaagj.org jedhuu fayyadamuu ykn Google jalattii Jimmaa Attorney FM jechuun search goochun Sagalee Abbaa Alangaa Godina Jimmaa kenya dhageffachuun baasii tokkoo malee boohartidhan bekkumsa seeraa kessan gabbifachuu dandeessuu. ይህ የጅማ ዞን አቃቤ ህግ ፅህፈት ቤት የFM ድምፅ ነው። ስርጭታችንን ለማዳመጥ የፅፈት ቤቱን ኦፊሴላዊ ድህረገፅ www.mhaagj.org በመጠቀም አልያም በጎግል Jimmaa Attorney Fm ብለው በመፈለግ ያገኙናል። ስርጭታችንን በማድመጦ እየተዝናኑ የህግ አውቀቶትን ያዳብራሉ። Jimma Attorney FM is a podcasting service.

Language:

English


Episodes
Ask host to enable sharing for playback control

Tofik

8/17/2023
under hpel --- Send in a voice message: https://podcasters.spotify.com/pod/show/hpelsocio/message

Duration:00:06:00

Ask host to enable sharing for playback control

Olmaa dhadachaa

5/20/2023
Irraa Haa Barannuu. -----⚖️==== godina jimmaa bulchinsa magaalaa jimmaa ganda mantinnaa iddoo addaa bufata xiyyaaraa abbaa jifaarittii mooraan isaa eggumsaaf jecha meshaa gatii qaalii taen nageenya xiyyaara qubatuufii balali'uf jecha akkasumas nagenya waa maraa dhabbatich kessattii argamuuf kan taasifamuuf turee. Haa ta'u malee himatamaan maqaan isaa Sabsiboo Tijjaanii AbbaaGiddii jedhamuu Gaafa guyyaa bitotessa 29 bara 2015 halkan keessaa sa'atii 10:00 yommuu ta'u sibila dallaa angil ayiranii jedhamuu bay'innii isaa lama ta'e tilmaama qarshii kuma kudhan baasuu qabenyummaan isaa kan bufata xiyyaaraa abbaa jifaar ta'e iddoo dhaabbatee buqqifatee deemee. Namnii kuni sibila kana haatee fudhachuun sharaadhaan erga maree booda gurguruudhaaf yommuu deemuu qaamoolee nageenyaatiin harkaaf harkattii qabamee erga irrattii qulqullaa'een booda himata waajjira abbaa alangaa godina jimmaatin mana murtii ol'aanaa godina jimmaattii gaafa ebla 15 2015 himatamaa kana irrattii dhihaateen himatamaan seera yakkaa bara 1996 bahee kewwata 669 (3)b irra darbuun badhaadhina hin mallee arggachuuf jecha yakka haannaa cimaa rawwateen himatamee. Haaluma kanaan himatamaan mana murtii ol'aana godina jimmaa dhihaatee enyummaan isaa erga qulqullaa'ee booda yakka ittii himatamee afaan isaaf galuun dubbifameefii mormii sadarkaa duraa kan hin qabnee ta'u erga ibsee booda himannaa dhihaatee irrattii jecha amantaaf waakkii keenneen ani meeshaa jedhamee lafarraa argadhe jedhee waakkatuus ragaa sanadaa fi ragaan namaa abbaa alangaatiin dhihaatee himatamaan yakkicha raawwachuu isaa waan irrattii mirkaneessaniif himatamaan ragaa ittisaa yoo qabaatee akka dhiheeffatuu dhaddacha yakkaa mana murtii ol'aanaa godina jimmaatin ajajamuus himatamaan ragaa ittiisaa kan hinqabnee ta'u waan ibseef mannii murtiichaa dhaddacha caamsaa 7 2015 oleen murtii balleessuummaa fi adabbii yakkamaa fi fakkaattoota isaa barsiisuu hidhaa cimaa woggaa afuriifi ji'a shaniin adabeera. Irraa haa barannuu. Waajjira Abbaa Alangaa Godina Jimmaa --- Send in a voice message: https://podcasters.spotify.com/pod/show/hpelsocio/message

Duration:00:03:41

Ask host to enable sharing for playback control

Sagantaa FM Podcast WAAGJ sadaasa/10/2015 sagantaa odeessaafi hubannoo seeraa sirbota alibirra

11/18/2022
Hordooftootaa fi dhaggeeffattota FM waagj sagantaa kenya har'atin sagantaalee odeffannoo fi sagantaa hubannoo seeraa isin biraan genya sagantaa odeessaaletin Odeessalee kenya har'aatin --- Waltajjii Leenjii fi Mari Gamaggama Karoora Raawwii Hojii kurmaana 1ffaa waajjira abbaa alangaa godina jimmaa sadaasa sadifii afur guyyoita lamaaf taasifamee haala gaaridhaan golabamuu isaa. Himatamaan Birhaanuu abbaa jabal jedhamu yaakka ajjechaa cimaa godina jimmaa aanaa qarsaattii raawwateen hidhaa cimaa woggaa kudha saddetiin adabamuu isaa Himatamaan Naim jedhamu yaakka ajjechaa cimaa godina jimmaa aanaa sigimoottii raawwateen hidhaa cimaa woggaa kudha jahaan adabamuu isaa isinittii himna nu wajjin turaa jeechaa gara oduu balinnaatti tarraa. --- Waajjira A/A Godina Jimmaattii Waltajjiin lenjii fi Marii gamagama karooraa raawwii hoojii kurmaana 1ffaa har'a Sadaasa 3 2015 kan jalqabamee yommuu ta'u, sagantaa har'aatin leenjiin hubannoo seeraa abbootii alangaa godina kenyaaf kennamaa jira. Bu'uruma kanaan waaree duura leenjin ijoo Rakkoowwan Qorannaa, Himannaa, Falmii Dhaddachaa fi Komi ol'iyyataan wal qabatee akka godina kenyaattii mudatan adda baasuun lenjii gahaa ta'e abbaa alangaa Godina Jimmaa kan ta'an Obboo Addisuu Taddasaatin kan kennamee yommuu ta'u dabalataanis Dambii Qajelfama namusa Abbootii Alangaa wal qabatee Abbaa Alangaa Waqjiraa Addunyaatii waree dura kennamee jira. Olmaa waaree boodaatin ammoo Lenjiin Dhimma Qorannaa Yakka malaammaltummaa fi taksi Abbaa alangaa Obboo Lammeessaa Asaffaatin akkasumas lenjiin Qorannaa fi Himannaa yakkoota balaa tiraafikaa irrattii obboo Addisuu Asaffaatin Lenjiin gadi fagaataa ta'ee kennamee, Abbotii Alangaa hirmaattota Waltajjiichaatin mariin ho'aa ta'ee irrattii taasifamee jira. Dhuma irrattis Ittii Gaafatamtuu Waajjira Abbaa alangaa Godina Jimmaa kan ta'an addee Zahaara Muhammedin leenjii waligalaa Karoora RBM irrattii kennamee olmaan har'aa xumura argatee jira. Waltajjichi sadaasa 4 2015 sagantaa leenjii Jecha amantaaf waakkii irrattii hundaa’e murtii balleessummaa kenamuu: seeraafii hojimaata Godina Jimmaa wal bira fidun abbaa alangaa obboo Addisuudhaan kan dhihaatu fi akkasumas gabaasa rawwii kurmaana 1ffaa bara 2015 anaalee shanin kan dhihaatuu yommuu ta'u gabaasa dhihaatee irrattiis Waltajjiin irratti kan mari'atu ta'a. Xumura irrattis kallattiin hojii gara fulduraa ittii gaafatamtuu wajjirichaa addee Zahara Muhammedin kahamee sagantaan waltajjii guyyaa lamaa golabame jira. Gara odeeffannoo lammaaffaatii yoommuu tarruu _____________🏛⚖️🏛-------------------- Himatamaa Birahaanuu abbaa jabal jedhamuu yakkaa ajjechaa cimaatin addaabbii hiidhaa ciimaa woggaa 18tin adabameera Himatamaan Birhanuu A/Jabal jedhamuu yakka ajjechaa cimaa raawwachuu isaatin Mana murtii ol’aanaa Godina jimmaattii himannaan irrattii banamee murtii adabbii hidhaa cimaa woggaa kudhasaddetin adabamee jira. Tarreen himannaa abbaan alangaa godina jimmaa dhihhessanis kan armaan gadii turee Himatamaan Birhaanuu Abbaa Jabal jedhamuu seera yakkaa bara 1996 bahee keewwata 539 (1) jala darbuun nama ajjesuuf ittii yaadee gaafa guyyaa 22/12/2014 halkaan keessa tilmaamaan sa'atii 9:00 yommuu ta'u Godina jimmaa aanaa qarsaa sumee naannoo dayyaasaa jedhamuutti midhamaa dhunfaa ol'anaa hayilee jedhamuu waldhabdee duraan qaban haaloo bahaachuf jecha midhamaan bakka rafee jiruuttii gajaraadhaan cicciree ajjesuu isaatiin yakka ajjechaa cimaatin kana himatamee yommuu ta'u mannii murtii ol'anaa godina jimmaas bitaaf mirga wal-falmisiisuun himatamaan yakka ittiin gimatamee raawwachuu isaa waan mirkaneeffateef murtii balleessuummaa fii murtii adabbii isaafii fakkaattoota isaa barsiisuu danda’u hidhaa cimaa woggaa 18tin adabee jira. __ Odeessaa sadaffaatin 🏛⚖️Murtilee barsiisoo Kurmaana Lammaaffaa keessatrii murtahaan.⚖️🏛 ~~🏛⚖️Murtii Barsiisoo lammaffaa⚖️🏛~~ >>>>🏛⚖️Yakkaa Ajjeechaa Cimaa⚖️🏛< ______ --- Send in a voice message: https://podcasters.spotify.com/pod/show/hpelsocio/message

Duration:02:27:11

Ask host to enable sharing for playback control

Sagantaa Yaadanno Artisti kabajamaa kenya Dr Ali Birraa

11/11/2022
Sagantaan keenya har'aa yaadaannoo Artisrii kabajamaa Dr Ali Birraatiif haa ta'u jechaa sirboota Dr Alii Birraa kan durii fi ammaa isin affeerraa. Tajaajila FM Podcast Wajjira Abbaa Alangaa Goodina Jimmaa. www.waagjfm.mhaagj.org --- Send in a voice message: https://podcasters.spotify.com/pod/show/hpelsocio/message

Duration:01:23:16

Ask host to enable sharing for playback control

Sirboota Afaan Oromo Tajaajila Podcaasti FM WAAGJ

11/5/2022
Sagantaa yaalii tamsaasa fm waajjira abbaa alangaa godina jimmaa. Siirboota afaan oromoo oromo music --- Send in a voice message: https://podcasters.spotify.com/pod/show/hpelsocio/message

Duration:00:33:41

Ask host to enable sharing for playback control

Tamsaasa FM Podcast WAAGJ kan Fulbana 7/2015. Jimmaa Attorney FM Podcast. የጅማ ዞን አቃቤህግ መ/ቤት FM

9/16/2022
Kuni Tajaajila Podcast FM Waajjira abbaa alangaa godina jimmaatin qophaa'ee tamsaafamu yommuu ta'u, tamsaasa kenya isa har’aatiin odeessaalee dhadachaa wajjiraalee abbaa alangaa aanaa godina jimmaa jalattii murtoo argatan, odeessaallee haala tajaajila waajjira abbaa alangaa godina jimmaa dabalatee odeeffannoo seeraa addaa addaa kan isin biraan genyu ta'a. Dabalata kanaan qophii addaa kan hubannoo seeraa kessan isinif gabbisu isinif qopheessinee jirraa. Qophilee kenya akka boohartanif jecha sirboota adda addaa jidduu jiddurrattii kan isin affeerruu ta'a. Nu waajjin turun sagantaalee kenyaan boharaa hubannoo seeraa kessaniis gabbifadhaa jennaa. Garee komnikeeshinii Waajjira Abbaa Alangaa Godina Jimmaa. Website kenya https://mhaagj.org tajaajila fm waagj https://waagjfm.mhaagj.org barruulee maxxansaafi odeessaalee argachuuf https://www.odeessa.mhaagj.org/hb Ragaa sanadoota kan akka waligaltee fi bakka bu'ummaa waajjira kenyattii mirkanaahan online irraattii baruf http://aagrkhaagjimma.net seeroota addaa addaa bufachuuf https://laws.mhaagj.org --- Send in a voice message: https://podcasters.spotify.com/pod/show/hpelsocio/message
Ask host to enable sharing for playback control

Sagantaa fm waagj 21/07/2014

3/29/2022
akkuma bekkamuu waajjirrii abbaa alangaa godina jimmaa dhaqabamummaa seeraa mirkanessuufii hawaasa kenyaaf huvannoo seeraa umuudhaaf hojii daran ol’aanaa ta’e hojjechaa jiraachuu Kenya ragaan innii hangafaa isin dhaggeffattootni sagalee fm waajjira abbaa alangaa godina jimmaa ta’u kessan mamii waan qabuu miitii. hordooftoota fm waagj har’a dhagettanif sagaleen fm waajjira abbaa alangaa godina jimmaa websaayiti ofiselawaa wajjira abbaa aangaa godina jimmaa dabalatee dhaabbilee tajaajila fm kennun akka adunyaattii sadarkaa 1ffaa hanga 20 jiran hunda irrattii kan tamsaafamuu ta’u isin beeksiisna. haaluma kanaan tamsaasa Kenya hundumaa Dhaabbilee beebbekamoo kan akk fm apple podcast, itunesn spotify, amazon, radio public, google podcast fi kkf jalattii nu argachu kan dandessan yommuu ta’u tamsaasa Kenya dhageffachuuf waagj fm ykn jimmaa attorney fm jechuun google gochuu qofaadhaa. sana booda tamsaasni Kenya waebsaayiti wajjira kenyaa dabalatee marsaritiilee 20 caalan jalattii isini waan dhufuuf akka feedhii kessanii filachun tamsaasa Kenya dhageffachaa hubannoo kessan gabifachuu dandessuu yommuu isinin jeennuu qophilee Kenya haala nama boharsiisuun qindessinee waan isini genyuufii. visit Sagalee FM Waajjira AA Godina Jimmaa. Jiimma Zone Attorney FM Podcasting Site https://waagjfm.mhaagj.org/ dhaggeffattoota Kenya wa’e fm waagj hangana yoo isin jeennee gara ijoo sagantaa Kenya har’a isinif ibsuuttii sienna. haaluma kanaan sagantaa Kenya isa har’atin qophi hubannoo seeraa walta’insa Abbaa alangaa waligala federaalaafii faanaa prodcasting corporate deggarsa maallaaqaa USAID itiyophiyaattii justice activitytin dhihaatuu kessaa sagantaa ijoo kenninsa tajaajila abukaatummaa irrattiifii labsi seera bulchinsa federaalaa dhihenyattii bahee ilaalchisee sagantaa qophaa’ee isinin geenya jecha sirba haaraa andualam goosaa Gumgumee jedhuu kana isin affeerree kallattiidhaan qophaa’ee isinin genya nu wajjin turaa jechaa --- Send in a voice message: https://podcasters.spotify.com/pod/show/hpelsocio/message
Ask host to enable sharing for playback control

Sagantaa hubannoo seeraa fm sagalee abbaa alangaa godina jimmaa jan 10 2022

1/10/2022
Qophessan sagantaa kanaa obboo mulugeetaa megersaa godina jimmaa aanaa coraa botor irraayii. --- Send in a voice message: https://podcasters.spotify.com/pod/show/hpelsocio/message
Ask host to enable sharing for playback control

Sagantaa Xinxala Murtii dhadacha Ijibbaata Federaalaa galmee Lakk 16816 ta'en kennamee Seera Yakkaa MFDRI Kewwata 555 (c) fi 556 walbira qabuun qophii qophaa'ee kutaa 1ffaa. 4/27/2014

1/5/2022
qophii har’aatin dhimma murtii dhaddacha ijibbaataa Federaalaa galmee Lakk 16816 ta'e irrattii taasifamee. Seera Yakkaa bara 1996 bahee kewwata 555 fi 556 bu'uura seera yakkaa biyya keenyaa jalatti kaa'ameen maal fakkaata jedhu irratti kan qophaa'ee yoo ta'u gaaffileen qophii kanaan hubannoo umuuf yaalamus ; · Maalummaan miidhaa qaamaa cimaa fi salphaa itti yaadamee raawwatamuu seera yakkaa keenya jalatti haala kamiin ibsama.? · Dhimma Namni yakki miidhaa qaamaa irratti raawwatamee lafeen isaa cabee fi cabuun isaas mana yaalaan mirkanaa’e ragaan mana yaalaa dhiyaate, kan kufuu qabu S/Y RDFI kwt 555(c) jalatti moo 556(1) jalatti ?miidhaa qaamaa cimaaa 555(c) jalatti himata banuuf yakkichi meeshaan raawwatamuu fi haala biraan raawwatamuun ulaagaa dha ? kan jedhu dha. · Garaagarummaan kwt seera yakkaa 555 fi 556(1),556(2)a,b fi c maali ? Dhimmota jedham irrattii hubannoo isinif kennina. tamsaasa fm waajjira abbaa alangaa godina jimmaa dhaggeffachuuf 1. websaayiitii waajjira abbaa alangaa godina jiimmaa 2. Apple podcast f 3. Itune 4. BBC podcast 5. Google podcast fayyadamuun 6. Marsaririlee podcast ittii tamsaafaman kan biroo fayyadamuun tamsaas kenya dhaggeffachuuf (jimmaa attorney fm jechuun google yoo gootan ykn fm mhaagj jechuun seatch yoo gootan tamsaasa kenya marsariitiilee 15 ol jiran jalatti ni argattuu.) Walin taanee hojimaataa waajjira kenyaa qaroomsuun dhaqqabamummaa kenya haa mirkanessiinuu jechaa hundii kessanuu ergaa kana fula facebook telegraamaa fi kkf irrattii sher gochuun tamsaasnii kenya nama hedduu biraan akka geettan isinif dhaamna Hasen Mh Hassen Abbas Alangaa Godina Jimmaa. Jimmaa Oromia --- Send in a voice message: https://podcasters.spotify.com/pod/show/hpelsocio/message
Ask host to enable sharing for playback control

Sagantaa Hubannoo seeraa Dhimma Falmii cheekii waliin walqabateee kutaa 1ffaa

1/1/2022
Qophii Har’aatin Hubannoo seeraa isin argattan maalii? qophii kana dhageffattanii gaafa xumurtan Ü Himannaa sirna gabaabaadhaan dhiyaatu irratti ragaa ittisaa dhiyeessun kan danda’amu bu’ura keewwata 286 tin mana murtiitin yoo eeyyamamee ta’u isaa ni hubattan hubattan. Ü Ragaa ittisaa dhiyeeffachuuf adeemsi jiru maal akka ta’e ni bartanii? Ü Ragaa ittisaa dhiyeeffachuuf ulaagaawwan barbaachisan maal fa’a ? Ü Himatamaan waraqaan waamichaa yeroo qaqqabu kallattiidhumaan raga ittisaa dhiyeeffata moo? miti? gaafii jeedhuuf hubannoo gadii fagaataa ta’e waan argattannif qophii kana hangaa xumuraattii dhaggefadhaa jechaa qophii kana jidduu jiddudhaan sirbbota boharti isinif uman akkanattii qindessinee isiniin genya. Nu Wajjin Tuuraa. tamsaasa fm waajjira abbaa alangaa godina jimmaa dhaggeffachuuf 1. websaayiitii waajjira abbaa alangaa godina jiimmaa 2. Apple podcast f 3. Itune 4. BBC podcast 5. Google podcast fayyadamuun 6. Marsaririlee podcast ittii tamsaafaman kan biroo fayyadamuun tamsaas kenya dhaggeffachuuf (jimmaa attorney fm jechuun google yoo gootan ykn fm mhaagj jechuun seatch yoo gootan tamsaasa kenya marsariitiilee 15 ol jiran jalatti ni argattuu.) Walin taanee hojimaataa waajjira kenyaa qaroomsuun dhaqqabamummaa kenya haa mirkanessiinuu jechaa hundii kessanuu ergaa kana fula facebook telegraamaa fi kkf irrattii sher gochuun tamsaasnii kenya nama hedduu biraan akka geettan isinif dhaamna Hasen Mh Hassen Abbas Alangaa Godina Jimmaa. Jimmaa Oromia --- Send in a voice message: https://podcasters.spotify.com/pod/show/hpelsocio/message
Ask host to enable sharing for playback control

አዲሱ የፌደራል ፍርድ ቤቶች አዋጅ 1234/2013 ይዟቸው የመጣው ዋና ዋና ነጥቦች የነሐሴ 12/2013 ስርጭት።

8/18/2021
የፌዴራል ፍርድ ቤቶች ስተዳደሩ የነበሩ በአ/ቁ 25/96 የነበረው ሲሆን ይህንን አዋጅ በማሻሻል አዲሱ አዋጅ በሥራ ላይ ውሏል። የፌደራል ፍርድ ቤቶች አዋጅ 1234/2013 በፌደራል ጠቅላይ ፍርድ ቤት ስር የተቋቋመ 15 ከፍተኛ የሕግ ባለሙያዎችን በአባልነት ያካተተ የዳኝነት ሥርዓት አማካሪ ጉባኤ ረቂቁ ተዘጋጅቶ በፌደራል ፍርድ ቤቶች አመራሮች፣ በሕግ ባለሙያዎች እና በሕዝብ ተሳትፎ ዳብሮ ከሁለት አመታት ቆይታ በኋላ ጥር 13 ቀን/ 2013 ዓ.ም በሕዝብ ተወካዮች ምክር ቤት ጸድቋል። ይህ አዲሱ የፌደራል ፍርድ ቤቶች አዋጅ 1234/2013 ከነባሩ የፌደራል ፍርድ ቤቶች አዋጅ ቁጥር 25/88 እና ይህን አዋጅ ካሻሻሉት ሌሎች አዋጆች ቁጥራቸው 138/1991፣ 254/1993፣ 321/1995 እና 454/1997 ከሆኑት አዋጆች ምን የተለየ አዲስ ነገር ይዞ መጥቷል? እንዲሁም ለአዳዲሶቹ ሕጎች መነሻ ዋና ዋና ምክንያቶቹስ ምን ምን ናቸዉ የሚለዉን በወፍ በረር እንመልከት። --- Send in a voice message: https://podcasters.spotify.com/pod/show/hpelsocio/message
Ask host to enable sharing for playback control

Galmi kenya our objectives፣ እንደ ጅማ ዞን አቃቤ ህግ ፅፈት ቤት ግባችን

6/24/2021
Akka garee komnikeeshini mana hojii abbaa alangaa godina jimmaatti fm tora internetii irrattii tamsaafamuu banuun kenya galmiifi kayyoon isaa maalii --- Send in a voice message: https://podcasters.spotify.com/pod/show/hpelsocio/message
Ask host to enable sharing for playback control

tamsaasa camsaa 24/2013 hubannoo seeraa wa'e qaama bilisa baasu habeus corpus kuta tokkoffaa

6/1/2021
Habeas Corpus (Qaama Bilisa Baasuu) Seensa Uumama waan hundaa ta’eet jalqaba irraa ka’ee hanga sadarkaa dhummaa qaqqabbutti sadarkaawwan adda addaa keessa darbuun isaa dirqama ta’a.Sadarkaawwan adda addaa keessa yommuu darbu immoo waantoota baay’ee fooyyeessaa itti dabalaa irraa hir’isaa bakka galma isaa gaha jechuudha. Akkuma dhimmoota biroo adeemsi armaan oliitti taa’e seeraafis kan tajaajilu ta’a.Sababa kanaatin seerotni adda addaa yeroo adda addaa dhimmoota garaagaraa irratti yommuu fooyya’anii bahan arguun qofti raga gahaadha.Waa’een seeraa yommuu ka’u yeroo hunda kan wajjin ka’u waa’ee mirgaati.Kana jechuun hanguma guddini seeraa dabalaa deemu kabajamuun mirga namaas wajjin guddachaa deema. Akka idila addunyaatti guddina seeraatif ta’ee mirga namoomaatif sanadootni gumaacha guddaa gumaachan baay’ee ta’anus akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1215 biyya Ingiliiziitti kan bahe Maagnaa Kaartaa,Bara 1789 Sanada Mirgootaa Ameerikaa,Diklaareshinii Mirga namoomaa Faransaay bara 1789 akkasumas Konveenshiniin Jeneevaa bara 1864 bahan warra adda durummaadhaan caqasamaniidha.Sanadootni kun egaa guddina seeraatiifis ta’ee mirga namoomaatif dhagaa bu’uraati jechuun ni danda’ama. Mirgi namoomaa mirga heeraan eegumsi taasifameefidha.Mirgi kun immoo daangaa seeraa taa’een alatti sarbamuus ta’ee mulqamuu hin danda’u.Haa ta’u malee darbee darbee mirgootni kun yeroo seeraan ala sarbaman ni mul’ata.Kunis seeraan ala qabamuun,Seeraan ala hidhamuun akkasumas seeraan ala bakkaa bakkatti socho’uu dhoorkamuudhan.Yeroo kanatti egaa furmaata seerri kaa’e keessaa tokko qaama bilisa baasuu(Habeas Corpus) dha.Kanaaf barreeffama kana keessatti yaadrimee isaa,seenaa dhufaati fi muuxannoowwan biyyoota biro kan ilaalaman ta’a. --- Send in a voice message: https://podcasters.spotify.com/pod/show/hpelsocio/message
Ask host to enable sharing for playback control

tamsaasa fm MHAAGJ caamsaa 23/2013 wa'ee tamboo ilaalchisee seerrii maal jedha

5/31/2021
wa'ee tamboo ilaalchisee seerrii mal jeedhaa. sagantaa abbaa alangaa aanaa cooraa bootoor obboo mulugeetadhaan qophaa'ee. www.mhaagj.org seensa Tamboo xuuxuun nama xuuxu irrattis haa ta’uu bakka namoonnii baay’een argamanitti xuuxuun rakkoo fayyaa kan qaqqabsiisu ta’uu odeffannoon madda adda addaa irraa argamuu ni mul’isa(muldhisa).Kana qofaa osoo hin taanee waraqaawwan tamboon itti samsamamu irratti barreeffamni tamboon du’aaf nama saaxilaa, tamboon dhibeewwan kaansariinama qabsiisa jedhu barreeffames kan argamuu yommuu ta’ukun miidhaa tamboon qaqqabsiisuu kan akeekuudha. Qorannoo Dhaabbani Fayyaa Addunyaa (WHO) yeroo adda addaa taasisuu irratti akka mul’isutti(muldhisutti) namonni miiliyoona 8 tti tilmaamaman sababa tambootiin akka guutuu addunyaatti kan du’an yommuu ta’u kana keessaa namootni miliyoonni 1.2 ta’an namoota hin xuuxnedha.Akkasumas gama diinagdeetin immoo Doolaara Ameerikaa Biiliyoona 500 tilmaamamu miidhaa qaqqabsiisaa jira.Bu’uura qorannoo kanaatiin rakkinootni kun kan uumaman biyyoota guddatanitti ta’us yeroo ammaa garuu sababa adda addatiin biyyoota hin guddanneettis rakkoon kun kan babaldhachaa(babal’achaa) jirudha.Rakkinni kun babal’achuu irraan kan ka’e hawaasni addunyaa tamboo to’achuu irratti ejjannoo walfakkaata akka qabatan tasisee jira. Yeroo Jalqabatif A.L.Awuropaa bara 2003 Dhabbanii Fayyaa Addunyaa(WHO) tooftaawwan tamboo to’achuuf dandeessisuufi biyyoota miseensa ta’an dirqama irra kaa’u < Biyyi keenyaa Itioophiyaan Guraandhala 25 bara 2004 waligalticha mallatteessiterti .kana buu’uura godhachuudhaan labsiin lakk. 661/2001 kan bahee ta’uus booda irra garuu labsiin Lakk. 1112/2011 bahuu danda’eera. kana qofa osoo hin taanee labsii 661 irratti hundaa’uun Manni marii ministeerotaa dambii lakk. 229/2007 baasuudhaan hojii irra ooluu danda’eeraa. --- Send in a voice message: https://podcasters.spotify.com/pod/show/hpelsocio/message
Ask host to enable sharing for playback control

Tamsaasa fm mhaagj caamsaa 2013 hubannoo seeraa seera godaansaa irrattii

5/25/2021
Tamsaasa kanaan seera gidaansaa walin wal qabatee barruu xinxala obboo anwaar ahmed abbaa alangaa gidina jimmaatiin kan qophaa'ee kan isiniif dhihaatuudhaa. MHAAGJ --- Send in a voice message: https://podcasters.spotify.com/pod/show/hpelsocio/message
Ask host to enable sharing for playback control

Tamsaasa fm mhaagj caamsaa 17/2013

5/25/2021
Tamsaasa kanaan barumsa hubannoo seeraa seera godaansaa irrattii abbaa alangaa godina jimmaa obboo Anwar ahmedin qophaa'ee isinin genyaa nu wajjin turaa --- Send in a voice message: https://podcasters.spotify.com/pod/show/hpelsocio/message
Ask host to enable sharing for playback control

Tamsaasa birootessaa 29 2013 fm mhaagj toraa inteerneetii

4/7/2021
Tamsaasa kenya har'aan oduu olmaa dhadachaa irrattii dhihataee. --- Send in a voice message: https://podcasters.spotify.com/pod/show/hpelsocio/message
Ask host to enable sharing for playback control

Tamsaasa Bitootessa 17/2013 fm_mhaagj tora interneetii

3/26/2021
Tamsaasa kenya kanaan wa'ee araaxaa ilaalchisee seerrii maal akka jeedhuu wal hubachifnaa. --- Send in a voice message: https://podcasters.spotify.com/pod/show/hpelsocio/message
Ask host to enable sharing for playback control

Oromo music

3/23/2021
Nuho gobana yagalana jiruu --- Send in a voice message: https://podcasters.spotify.com/pod/show/hpelsocio/message
Ask host to enable sharing for playback control

Fm.mana hojii AA God Jimmaattii Hubannoo Seeraa boqonnaa jalqabaa.

3/23/2021
Leenjii hubannoo seeraa seera yakkaaa mfdri seensa isaa irrattii fm mhaagj irrattii hordofaa. We strive toninsure justice. --- Send in a voice message: https://podcasters.spotify.com/pod/show/hpelsocio/message